English akka Afaan Dabalaatti (EAD) gosa barumsaa (Curriculum) tahee akkamiin mana barmootaa keessatti hojjeta Gosni barmootaa ogguu brtootni mana barumsaa jiranitti beekumsaa fi barannoo barbaachisu akka baratan gargaara. Gosi barumsaa kun akkuma bartootni barumsa isaanii fooyyefataa deemaniin sadarkaa irraa eegamu dhuunfachuu isaanii hubachuuf waan tarrisu (outlines) qaba. Gosi barumsaa barmoota bartootaaa karoorsuu, wayyomina bartootaa ittiin gamaaggamuu fi warratti gabaasuuf gargaara. Manni barmootaa tokkoon tokkoo isaanii bartootni barumsaan wayyoomina agarsiisaa deemuu isaanii ittiin madaaluuf fi to’atuuf sadarkaa bartootni dhuunfachuu qaban waliin wal madaalanii ilaaluun galii irraa eegamuu dha. Gosni barumsaa bakka saddet akka kanaa gaditti irutti gurmaawee jira: 1. 2. 3. 4. 5. 6. English Herrega Saayinsii Barmoota Fayyaa fi Qaamaa Afaanota Hawaasummaa (Seenaa, Tessuma dachee, Bulchiinsa ummataa fi Lammummaa, Dinagdee fi Daldala dabalata) 7. Hog-barruu (Arts) 8. Tekinolojii ( Tekinolojota Tolchiinsaa (Design) fi Tekinolojota If-lakkee (Digital) Gosa barumsaa kana keessatti bartootni hubannoo waa yaaduu akka guddisatan, walfudhatiinsa aadaa fi soniinsa (ethical) akka hubatan, dandeettii ofummaa fi gamtoomaa baruu akka danda’an gargaaruuf gosa barmootaa kana keessatti dabalamee jira. Manneen barmootaa English akka Wal-fudhachiisa Afaan Dabalaatti (EAD) tahee bartootni akka afaan English fooyyeefataa deemaniif tumsuuf kan kennamuu dha. Bartootni afaan warra isaanii dubbachuutiin beekumsaa fi barannoo yoo qabaatan illee waan beekan san mul’isuu fi wayyoomina qaban mul’isuuf mana barmootaa Viktoriyaa keessatti bartootn afaan English barachuu isaan barbaachisa. Hanga afaan English gahaatti baratanitti bartootni gosa barumsaa keessatti sadarkaa tarrisameef gahoo tahanii gamaaggamamuu hin dandeenyan. Sadarkaan English akka Wal-fudhachiisa Afaan Dabalaatti (EAD) bakka silaa bartootn sadarkaa afaan English akka hangam dandeettii itti qabu jedhamee barmoota keessatti isaan gamaaggamsiisu akka bakka bu’utti fayyada. Sadarkaan dhuunfata English akka Afaan Dabalaatti bartootni dubbachuu fi dhaggeeffatuu, dubbisuu fi ilaaluu, fi qubeessuu ilaalchisee sadarkaa isaan irra jiran akka calaqqisutti qopheessame. Bartootni Waggaa 3 hamma 10 gidduu jian kanneen afaan warra isaaniitti beekumsa barmootaa jabaa hin qabneafaan English Sadarkaa BL yookaan SL jedhamu irraa qabanii barachuu eegalu. Sadarkaaleen kun: Sadarkaa A Sadarkaa B Sadarkaa S Eegalaa hamma Waggaa 2 Waggaa 3 hamma 6 Waggaa 7 hamma 10 A1 fi A2 BL, B1, B2 fi B3 SL, S1, S2, S3 fi S4 How the English as an Additional Language (EAL) curriculum works in schools / Oromo Sadarkaaleen EAD) kun qaqaxxaamura kanaa gadii keessatti ibsamee jira. Sadarkaa dandeetti Afan English Gulantaa 10 Gulantaa 9 S4 Gulantaa 8 Gulantaa 7 Gulantaa 6 Gulantaa 5 S3 Sadarkaa Englifaa akka Afan lammaffaa B3 Gulantaa 4 Gulantaa 3 Gulantaa 2 Gulantaa 1 S2 B2 A2 Gulantaa F S1 (eegala) SL (Ref-eegalaa) B1 (eegala) B1 (Ref-eegala) Sadarkaa lammaffaa gadii fi gidduu Waggaa 7 hamma 10 Sadarkaa lammaffaa gadii fi gidduu Waggaa 3 hamma 6 A1 (eegala) Sadarkaa gadii eegalaa hamma Waggaa 2 Qaqaxxaamurri kun bartootni sadarkaa EAD keessatti bartootni gosa barumsaa afaan English dhaan hangam akka fooyyawinsa dabalataa deemaa jiran mul’isa. Yeroo keessa bartootni (Sadarkaa A2, B3 yookaan S4 booda) dandeettiin afaan English isaanii fi umriin isaanii kan wal gitu irra gahuu isaaniitu irraa eegama. Yeroo kanatti barsiisaan mucaa kee sadarkaa dhuunfati afaan English maal irra akka gahee jiru siif gabaasuu eegala jechuu dha. Mucaan kee sadarkaa kana irra gahuuf, waggaan dhallootaa, barmoota duraan qaban, fi yeroo Australia seenan hangam akka afaan English danda’an irratti hundaawee yeroon irra fudhatus hangasuma adda adda taha. How the English as an Additional Language (EAL) curriculum works in schools / Oromo
© Copyright 2025