OROMO LIBERATION FRONT Adda Bilisummaa Oromo Oromo Liberation Front Laakkoo : abo-041-2015 Guyyaa : Caamsa 22 , 2015 Ref.No : olf-041-2015 Date : May 22 , 2015 Ibsa Ijjannoo Itti Baha Kora ABO Kutaa Kanaadaa, Magaalaa Calgary Qabsoon Ummanni Oromo bara dheeraaf geegisaa ture wareegama guddaa kan gaafate yoo ta’ellee hanga ammaa galii isaa rukutuu hin danddeenne. Qabsoon sabni Oromo bara dheeraadhaaf gegeyssaa ture kun galma isaa rukutuu baatus injifannooleen qabsichi galmeesse hin jiru jechus miti. Bu’aalee qabsoon kun argamsiise keessaa inni guddaan sabani keenna Oromon sammuudhaan bilisoomuu dandayuudha jennee amanna. Sabni sammuudhaan bilisoome daandii bilisummaa walakkeessa ol qaxxaamure jechuun ni dandayama. Kanaaf, ragaan tarkaanfii fi falmmaa dhaloonni dhaloonni Qubee (Qube Generation) biyya keeyssatti geegeyssaa jiruudha. Korri miseensotaa fi deegartoota ABO B/General Kamal Galchuun hooganamu walgahii guyyaa lama (Caamsaa 16 fi 17 bara 2015) magaalaa Calgary, biyya Kanadaa keessatti taa’e haalota qabsoo Oromo mudatan kaasuudhaan marii bal’aa erga godheen booda ibsa ijjannoo armaan gaditti kaayaman dabarfacuudhaan walgahii isaa milkiidhaan xumuratee jira. 1) Qabsoon bilisummaa Oromo galii isaa rukutuudhaaf qabsoo hidhannoo fi fincila ummataa jabeesuun alatti fallii biraa waan hin jirreef ABOn B/G/ Kamaal Galchuutin hooganamu dirqama ulfaataa kana fiixaan baasuuf haala haarawaan uf qindeessee, sagantaa Siyaasaa fi galma qabsoo bilisummaa Oromo ummanni Oromo bara dheeraaf irratti wareegamaa as gahe qabchuun saba Oromo uf duukaa hiriirsuuf akka uf qopheesu dhaamanna. 2) Nuti miseensotaa fi deegartoonni ABO kora kana irratti hirmanne gaddaa fi gadadoo sabni keenya keessatti argamu gadi fageenyaan erga xinxalinneen booda haala kana xumura itti godhuuf dhaabotiin Oromo gargarummaa jidduu isaanitti argamu guddisuun wal irratti xiyeefachuu fi wal irratti duuluu dhiisanii diina hinikkaa iratti akka xiyyeefatan waamicha lammummaa fi Oromummaa dabarfannee jira. 3) Haala diina hinikkaa fi leeliftoota sirnna kaleessaa ilaalchisuudhaan ibsa hoogana ABO B/G/Kamaal Galchuun durfamu irraa nuuf kenname gadi fageenyaan erga caqafnneen Wajira.abo@gmail.com booda, adeemsi qabsoo bilisummaa Oromo diina lameenuu irraa kan Oromo baraarsu ta’uu akka qabu akeeknnee jirra. 4) Qabsoon Oromo giddu galeessa qabsoo hidhannoo godhachuun humna waraanaa jabaa Ummaata Oromoo diina bar 135 oliif Oromiyaa nyaatee ammas qorqaa jiru irraa bilisoomsee itisuu dandayu hatatamaan akka gadi dhaabattuu fi diina haleeluu eegalu yaadchiifna. Nutis humna waraana Oromo haala haarawaan gadi dhaabuf deegarsa diinagddee fi humna namaa maddisiisuf waadaa sienna. 5) Dhaabotiin Oromo maqaa dhaabaa, asxaa fi alaabaa dhaabaa qabeenya kiyya jechuudhaan irratti walfalmmuu dhiisanii maqaa, alaabaa fi asxaa fedhan baafachuun hujii mul’ataa ummata keenyatti hamilee horuu dandayu hojjachuu irratti akka fuullefatan gaafanna. Rakkoon saba Oromo halluu alaabaa fi maqaa dhaaba osoo hin taane sirnna gabroomfataa jalaa bilisa bahuudha waan taheef, Oromoon dhaaba hujii mul’ataa hojjatee fi diina irraa haleelle duukaa hiriiruuf qophii ta’uu isaa halli yeroo ammaa biyya keessatti ta’aa jiru ragaadha. 6) Cunqurfamoota biyyattii keessa jiraatan kan akkuma Oromotti sirnoota habashaa dufaa dabrraan cunqurssaa fi gidiraan irratti raawwatamaa as gahe waliin qabsoo qindeefachuun barbaachisaa akka ta’e hubatamee ABOn B/General Kamaal Galchuun durfamu saboota cunqurfamoo waliin tumsa tolfachuun qabsoo Oromo irratti dhiibbaa akka hin qabnee fi qabsoo Oromo irraa diina xiqqeessuu keessatti qooda guddaa akka qabu hubannee jirra. Kanaaf, tumsi qabsoo qaamota sirnna kaleessaa leellisan waliin osoo hin ta’in sabaa fi sablammii akkuma Oromo cunqurfamoo ta’an waliin qophaatti akka ijaaramu gaafanna. Oromiyaan ta Oromooti ! Wajira.abo@gmail.com
© Copyright 2025